Finfinnee,Onkoloolessa 4, 2018 (FMC) – Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee yaa’ii Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa cinatti Daayreektera eeggataa Fandii Kuweet Waaliid Al Bahaar waliin mari’atan.
Hariiroo yeroo dheeraa Itiyoophiyaa fi Kuweet gidduu jiru cimsuu fi fooyya’iinsa dinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu maree isaniin kaasaniiru.
Dabalataanis dameewwan misoomaa dursi kennamuufii qabuu fi deggersa Fandii Kuweetiin pirojeektota misoomaa Itiyoophiyaaatti hojjetamaa jiran ilaalchisee mari’achuutu ibsame.
Ministir Ahimad wayita kana haala idaan iti hir’atu dabalatee hojiilee rifoormii mootummaan hojjechaa jiru, akkasumas hirmaannaa damee dhuunfaa fi hojiilee misoomaa ijoo dursi kennamuufii qabu irratti ibsa kennaniiru.
Haala buufata xiyyaaraa haaraa Itiyoophiyaan ijaaraa jirtu maallaqaan deggeruun itti danada’amuu irrattis kan mari’atan yoo ta’u, hojiilee bu’uuraa misooma daandii irratti deggersi Fandii Kuweet murteessaa ta’uu Obbo Ahimad Kaasaniiru.
Daayireektarri Fandii Kuweet Al Bahaar gama isaaniin, mul’ata dinagdee Itiyoophiyaa jajanii, bu’aaleen fooyya’iinsa dinagdeen galmaa’aa jiran kan jajjabeeffaman ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbanni isaaniis pirojeektota misoomaa gurguddoo dabalatee, hojiilee misoomaa Itiyoophiyaatti hojjetamaa jiran deggeruu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.