Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Baarbaadoos Miyaa Mootaaliin irra deebiin filatamuu hordofee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Ministirri Muummee Baarbaadoos Miyaa Mootaaliin yeroo 3ffaaf Ministira Muummee biyyattii ta’uun waan filatamaniif gama gammaddan jechaa gammachuu natti dhagahame ibsuun barbaada jedhan.
Shaakala diimokiraasii milkaa’aa uummanni Barbaadoos taasise dinqisiifachuun, tattaaffii Ministirri Muummee Mootaaliin guddina, badhaadhinafi misooma waaraa uummata Baarbaadoosiif taasisaniif carraa gaariin akka mudatuun hawwaniiru.
Walitti hidhamiinsa cimaafi tumsa biyyoota lameenii cimsuuf waloon kan hojjetan ta’uus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.