Finfinnee, Qaammee 1, 2017(FMC)- Ministirri Muummee Bahaamaas Filiippi Deeviis yaa’ii Hawaasa Afrikaa- Kaariibiyaan irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Filiippi Deeviis wayita buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gahan Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsgaayeen simatamaniiru.
Yaa’iin Hawaasa Afrikaa- Kaariibiyaan 2ffaan mata duree “ Afrikaanotaafi Hidda Afrikaanotaaf Haqa Barbaaduuf Tumsa Ardiirra Cehu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffama.
Yaa’ichi biyyoonni Afrikaafi Kaariibiyaanii tumsa Kibba- Kibbaan hariiroo isaanii guddisuuf akkasumas hariiroo Afrikaan biyyoota Kaariibiyaanii waliin qabdu gara dippiloomaasiifi tumsa diinagdee cimaatti guddisuuf ni dandeessisa jedhameetu eegama.
Yaa’ichi sirna faayinaansii addunyaa, tuurizimiifi hubannoo nam-tolchee irratti mari’ata.
Ashannaafii Shibbiruutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.