Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii itti aanaa Mana Maree Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 13, 2018(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii itti aanaa Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Koostaa waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ergaa dabarsaniin, hariiroo Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa cimsuuf pirezidaantii itti aanaa Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Koostaa waliin dhimmoota gamlamee irratti mari’ataniiru.

Maree kanaan damee adda addaan tumsa jiru guddisuuf ejjennoo keenya irra deebiin cimsineerra jedhan.

#Oromia #Ethiopia

selcted
Comments (0)
Add Comment