Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Biraaziil waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC) –Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Biraaziil Luuwiiz Inaachiyoo Luulaa Daa Siilvaa waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Yaa’ii BRICS 17ffaa dura dhimmoota waloorratti mari’anneera jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Mariin har’aa kun hariiroo biyyoota lamaanii guddachaa dhufe caalmaatti cimsuuf tarkaanfii tokko jedhan.

Hoggantoonni lamaan dameewwan Daldalaa fi Invastimantii dabalatee walitti dhufeenya biyyoota lamaanii kallattii hundaan caalmaatti cimsuuf waliigalaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment