Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa godina Gaamootti  miidhaa sigiga lafaa ga’eef gadduu isaanii ibsan

Finfinnee, Bitootessa 4, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa godina Gaamoo bakka adda addaatti  sigiga lafaa fi lolaa mudateen miidhaa qaqqabeen gadduu isaanii ibsaniiru

Obbo Tamasgeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, miidhaa qaqqabeef gaddi guddaa itti dhaga’amuu ibsan.

Maatii fi firoota miidhamtootaafis jajjabina hawwaniiru.

Fulduraafis namoota balaa kanaan miidhaan irra ga’e deebisanii dhaabuu fi gargaaruuf mootummaan deggersa barbaachisu akka kennu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment