Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa hoggantoota Mana Marichaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 5, 2018(FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa hoggantoota haaraa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa waliin mari’ataniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, filannoon biyyaalessaa majiliisaa haala milkaa’ina qabuun gaggeeffamuu isaatiin uummata musiliimaa fi hoggantoota mana marichaaf dinqisiifannaan qabu ibsuun barbaada jedhan.

Filannoon majiliisaa naga-qabeessa, hammataafi hirmaachisaa haala ta’een gaggeeffamuufi kan irraa baratamu ta’uus ibsaniiru.

Mootummaan dhimmoota biyyaalessaa irratti hoggantoota mana marichaa waliin walitti dhiyeenyaan kan hojjetu ta’uufi wanta barbaachisu irratti deeggarsa barbaachisaa akka taasisus eeraniiru.

Hoggantoota mana marichaaf bara hojii gaarii akka ta’uuf hawwii qaban ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment