Finfinnee, Sadaasa 11, 2018(FMC) – Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii geggeessaa kan jiran Ministirri Muummee Maaleezyiyaa Daatoo Sarii Anwaar Biin Ibraahiim Komiishinii Gamtaa Afrikaa daawwataniiru.
Ministiricha kan simatan Dura taa’aan Komiishinichaa Maahimmud Alii Yusuuf, daawwannichi daawwannaa seena qabeessa hariiroo Afrikaa fi Maaleezyiyaa cimsuundha jedhan.
Ministirri Muummee Maaleezyiyaa Komiishinii Gamtaa Afrikaa yoo daawwatan Ministirri Muummee Daatoo Sarii Anwaar Biin Ibraahiim kan jalqabaa ta’uu isaaniis eeraniiru.
Hariiroo Maaleezyiyaa fi Afrikaa caalmaatti cimsuuf boqonnaa haaraa kan banu ta’uus dubbatan.
Bara Faranjootaa 2024tti walitti hidhamiinsi daldalaa Afrikaa Maaleezyiyaa doolaara biliyoona 7.5 caaluu eeranii waggoota lamaan darbanitti guddina %20 argisiisuu isaas ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.