Finfinnee, Sadaasa 13, 2018(FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii Baankii Misoomaa Afrikaa Dooktar Siidii Uldi Taah waliin mari’atan.
Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti akka ibsanitti, Pirezidaantii haaraa Baankii Misoomaa Afrikaa Dooktar Siidii Uldi Taah waliin mari’ataniiru.
Walga’ii hoggantoota biyyoota garee 20 cinatti kan geggeeffame mariin kun ga’ee murteessaa baankichi guddinni hunda hammatu Afrikaatti fiduuf ba’achaa jiru kan cimsu ta’uu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia