Finfinnee, Sadaasa 15, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Siingaapoor Loowurinsi Woong yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Loowurinsi woong wayita kanatti Siidaa gootota bilisummaa ummataaf arsaa kaffalan jala abaaboo kaa’aniiru jedhan.
Aadde Adaanech Ministira Muummee Siingaapooriif ergaa baga nagaan dhuftani dabarsuun, turtiin Finfinneetti taasisan bu’a qabessa akka ta’uuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.