Finfinnee, Fulbaana 26, 2017 (FMC) – Mirgi ulaa galaanaa argachuu Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceheera jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Astiqasillaaseen.
Sirni baniinsa bara hojii 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi bara hojii 5ffaa Mana Maree Federeeshinii geggeeffameera.
Pireezidaanti Taayyeen raawwii hojii bara 2017 fi karoora mootummaa Federaalaa bara 2018 dhiyeessaniiru.
Itiyoophiyaan qabeenya daangaa ce’oo qabduun faayyadamummaa haqa qabeessaa yoo simattu, akkasuma mirga ulaagalaanaa argachuu ishee mirkaneeffachuu qabdi jedhan Pireezidaantiin FDRITaayyee Atsiqasillaaeeen.
Dhimmoota Hidhaa Haaromsaa fi ulaa galaanaaa argachuu irratti mootummaan tattaaffii nagaa qabeessaa fi dippiloomaasii addaan hincitne taasisaa jiraachuu dubbatan.
Tattaffiiwwan hanga ammaatti taasifamaaniin bu’aalee ijoo ta’an kanneen akka hidhaa haaromsaa qormaataa mudatee turee ogummaan darbuun eebbisiisuu, mirgi ulaa galaanaa argachuu gara sadarkaa olaanaatti ce’uu fi gaaffiin haqa qabeessaa kunis hawaasa idil addunyaa biratti fudhatamummaan isaa dagaagaa dhufuu ibsaniiru.
Gamaa biraan, lammiilee biyya alaatti haalaa rakkisaa keessa turan kabajaan akka gara biyya isaaniitti deebi’an taasisuu himanii, kunis fuulduratti cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Dabalataan dhalattoonni Itiyoophiyaas misooma biyyattii ijoorratti akka hirmaatan taasisuun akka danda’ame eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.