Misooma Anniisaa Niwukilarii Itiyoophiyaan eegalte milkeessuuf tumsaan ni hojjenna – Ambaasaaddar Evgeenii Tarkiihiin

Finfinnee, Onkoloolessa 27, 2018 (FMC) – Teeknooloojii anniisaa Niwukilarii Itiyoophiyaan eegalte milkeessuuf tumsaan ni hojjenna jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Evgeenii Tarkiihiin.

Faayidaan Itiyoophiyaa faayidaa Raashiyaati, faayidaan michoota keenyaa faayidaa keenya jedhan Ambaasaaddar Evgeeniin.

Hariiroon Itiyoophiyaa fi Raashiyaa faayidaa waloorratti kan ijaarameedha, biyyoonni lamaan dhimmoota isaan tokkummeessanirratti tumsaan hojjetu jedhuun ibsan.

Ammatti misooma teeknooloojii anniisaa Niwukilarii Itiyoophiyaan eegalte milkeessuuf tumsaan ni hojjenna jedhan.

Piroojektoonni jajjaboon Itiyoophiyaan hojjettee xumurtee fi amma eegalte dandeettii Itiyoophiyaan qabduuf agarsiiftuu ta’uu eeran.

Anniisaan Niwukilarii faayidaa olaanaa qabaachuu kaasuun, Raashiyaan ammoo damcihaan muuxannoo gaarii fi humna nama baratee biyya qabduudha jedhan.

Kanaaf hojiilee misooma Teenkooloojii Anniisaa Niwukilarii Itiyoophiyaan jalqabeef Raashiyaan tumsa barbaachisu kan gootu ta’uu mirkaneessan.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment