Misooma Kooriidarii hawwattummaa magaalotaa guddise…

Finfinnee, Amajjii 22, 2018 (FMC) – Hojiin misooma kooriidarii simboo magaalotaa dabaluun magaalonni iddoo hawwata tuurizimii akka ta’aniif gahee olaanaa bahachaa jira jedhe Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa.

Misoomni kooriidarii qabeenya tuurizimii magaalonni qaban mul’isuun guddina damee tuurizimii keessatti qooda olaanaa bahachaa jiraachuu Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti Daayrektarri Misoomaafi Piroomooshinii Tuurizimii obbo Faantaahun Taaddasaa Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

Magaalonni misooma kooriidariin misoomuu erga jalqabanii hawwattummaan isaanii dabaluufi daawwattoota biyya keessaafi alaa harkisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jiru eeraniiru.

Erga misoomni kooriidarii magaalota garaagaraatti hojjetamee magaalonni konfiransiiwwan garaagaraa keessummeessuu eegaluu ibsuun, kun ammoo guddina konfiraansii tuurizimiif gahee olaanaa qaba jedhan.

Misoomni kooriidarii magalota keessatti paarkiiwwan akka babal’atan gochuun jiraattotaaf iddoo aara galfii ta’aa dhufuufi tuurizimiin ispoortii akka babal’atu taasisaa jiraachuus kaasaniiru.

Hojiin misooma kooriidarii iddoowwan gahumsa tuuriizimii magaalotaa dhokatanii turan baasuun qabeenyi uumamaa magaalota keessa jiran akka misooman gochuu eeran.

Hojii kanaan walqabatee hojiin misooma qarqara laggeenii hojjetamanis laggeen kanaan dura balfi itti gatamaa ture misoomsuun bakka aara galfii fi daawwannaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Misoomni kooriidarii magaalaa iddoowwan gahumsa tuurizimii magaalotaa dabaluu keessatti gahee qabaachuus kaasan obbo Faantaahun.

Babal’inni misooma kooriidarii magaalaa galii damee tuurizimiin argamu guddisuu keessattis qooda akka bahatus himaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment