Misooma Kooriidariin hambaalee magaalattii haaromsuun akka haaraatti beeksisuun danda’ameera- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Ebla 28, 2017 (FMC) – Hojiileen misooma kooriidarii hojjetamaa jiran hambaalee magaalattii haaromsuuniifi tajaajilaaf banuun akka haaraatti akka beeksifaman dandeessisuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.

Magaalattiitti bakkeewwan garaagaraatti hambaaleen Kanaan dura adda hin baaneefi hin beekamne adda baafamuuniifi haaromfamuun tuurizimiif banamuu eeraniiru.

Hambaaleen naannawaa Piyaassaa, Araat Kiiloo, Daandii Charchiliifi Mana Qopheessaatti argaman suphamuufi daawwattootaaf banamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Daawwattoonni biyya keessaa fi alaa hambaalee kanneen daawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Misoomni kooridarii rakkoolee gurguddoo magaalattii hir’isuu keessatti gahee olaanaa bahachaa kan jiru ta’uu kaasanii, gama uwwisa magariisaa dabaluun, yaa’iinsa tiraafikaa fooyyessuun, hanqina bakka dhaabbii konkolaattotaa hir’isuuniifi balaa tiraafikaa ittisuun bu’aa jajjabeessaan argamuu himaniiru.

Misoomni kooridarii kun kuttannoon yoo hojjetame wanta hunda milkeessuun akka danda’amu kan agarsiise ta’uufi misoomichi milkaa’uuf jijjiirama aadaa fiduufi yeroo fudhata ilaalcha jedhu kan jijjiire ta’uus himaniiru.

Hojii misooma qarqara lageenii magaalattiitti hojjetamaa jiruunis jijjiiramni guddaan dhufaa jira jedhaniiru.

Qarqarri lageenii bakka gahumsa tuurizimii, madda galiifi bakka bashannanaa akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment