Misooma Koriidarii aadaa hojii Jijjiire…

Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC)- Hojiin Misooma koriidarii sadarkaa jiruu fi jireenyaa fooyyeessuun aadaa hojii jijjiiruun ibsame.

Tumsi Magaaloota Itiyoophiyaa waltajjii marii misooma koriidarii irratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti Daayrektarri Abbaa Taayitaa Misooma Koriidarii fi Misooma Qarqara Laggeenii Magaalaa Finfinnee obbo Kadir Adam akka jedhanitti, misooma koriidarii magaalichaa fi hojiin misooma magaalaa biroon aadaa hojii jijjiireera.

Pireezidaantii itti aanaan Boordi Waltajjii Tumsa Magaalootaa fi Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa gamasaaniin, waltajjichi magaaloonni muuxannoo wwaliirra akka qooddataniif kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.

Magaaloonni ammayyummaa gonfachuun waldeeggaraa misooma biyyattii saffiisisuu akka dan’da’an kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Daayrektarri Waltajjii Tumsa Magaaloota Itiyoophiyaa Jeneraal Andu’aalem Xeenaawu , magaalummaa babal’isuu fi jiruuf jireenya fooyyeessuuf tattaaffii taasifamu keessatti waltajjiin tumsaa kun gahee isaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.

Waltajjji marii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kanaan Misooma koriidarii magaaloota Itiyoophiyaa ilaalchiisee magaaloonni akka Adaamaa, Baahirdaar, Jimmaa, Bishooftuu, Dirre Dhawaa muuxannoo isaanii kan dhiyeessanii fi daawwannaan hojii kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Waltajjin Tumsa Magaaloota Itiyoophiyaa kun magaaloota 142 miseensummaan kan hammatee fi dhaabbata bu’aaf hin hundoofnedha.

Gabramaariyaam Waldagaarimaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment