Finfinnee, Sadaasa 19, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan misooma qabeenya bosonaa bakka turetti deebisuuf hojiilee abdachiisoo eegalteen sadarkaa idil addunyaatti beekamtii argataa jirti jedhan Hayyoonni.
Yuunivarsiitii Hawaasaa Koolleejji Wandoo Gannatitti Barsiisaan Bosonaa fi Qabeenya Uumamaa Piroofesar Tsaggaayee Baqqalaa Faanaa Miidiyaa Korpooreeshiniif akka ibsanitti, qabeenyi bosonaa kennaa uumamaa ta’uu irra darbee dhimma jireenyaati.
Itiyoophiyaanis Sagantaa Ashaaraa Magariisaan xiyyeeffannoon misooma bosonaaf kennite kan dinqisifatamudha jedhan.
Diiniin Koolleejjichaa Dooktar Habtaamuu W/Amaanu’eel gamasaaniin, qabeenya bosonaa sirnaan eeguuf tooftaalee saayinsii fayyadamuun akkaataa itti fufiinsa qabuun hojjechuun barbaachiisaa ta’uu dubbataniiru.
Fayyadamummaa misooma bosonaa caalmaatti cimsuuf giddugaloota beekumsa bosonaa babal’isuuf akka barbaachiisuus eeraniiru.
Haaluma kanaan hojiileen koolleejjichatti hojjetamaa jiraniif dandeettii dabalataa akka ta’uuf giddugaloonni qorannoo dhaabbiilee federaalaa waliiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Nageewaa Buzunaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.