Misoomaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf dhaabbileen amantii qooda isaanii cimsuu qabu – Pireezidaanti Taayyee Atsqasillaasee

Finfinnee, Caamsaa 5, 2017 (FMC) – Afrikaatti nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf dhabbileen amantii qooda isaanii ciminaan ba’uu akka qaban Pireezidaanti Taayyee Atsqasilaaseen hubachiisan.
Yaa’iin nagaa, waloomaa fi misoomaa idil- adduyyaa 3ffaan magaalaa Finfinneetti eegalameera.
Pireezidaanti Taayyeen sirna baniinsa yaa’ichaa irratti ergaa dabarsaniin, ga’een geggeessitoonni amantaalee ijaarsa nagaa biyyaa keessatti qaban guddaa dha jedhan.
Abbootiin amantii ga’ee cimaa gama kanaan irraa eegamu cimsuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Walgargaaruu fi waltumsuun rakkoolee mudachuu malan haala salphaan keessa darbuu fi nagaa fi misooma itti fufsiisuuf murteessaa ta’uus dubbataniiru.
Itiyoophiyaan nageenya waaraa mirkaneessuuf Mariin Biyyaaleessaa eegalte akka milkaa’uuf ga’een abbootii amantii guddaa ta’uu eeranii, qooda irraa eegamu ciminaan akka ba’atan gaafachuu TOI gabaaseera.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment