Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC)- Naannoo Amaaraatti misoomni Indaastirii godina Shawaa Kaabaa badhaadhina waaraa Itiyoophiyaaf humna dabalataa ti jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xurunaa.
Obbo Tamasgeen kana kan dubbatan Waarshaa oomisha nyaata horii fi namaa fi qindessaa boqqolloo “Biraawun Fudsi” jedhamu eebbisanii wayita hojii eegalchisanitti.
Mootummaan Ida’amuu, misooma indaastiriin hojii uumuu fi humna duguugee fayyadamuun guddina dinagdee amansiisaa fi itti fufaa galmeessuun badhaadhina Itiyoophiyaa hawwine dhugoomsuudha jedhan.
Galmi keenya hojii uumuu, carraa bal’isuu fi dinagdee humna uummata keenyaa mul’isu ijaaruu dha kan jedhan obbo Tamasgeen , jalqabbiin magaalaa Dabra Birhaanitti a rgine warshaa dhaabuu ol oomishtummaa fi ofitti amantaa Naannichaaf bu’ura boqonnaa haaraa ti jechuun ibsaniiru.
Naannoo Amaaraatti humna misoomaa guddaa, biyyoo gabbataa fi hawaasa hojii jaallatu qabna jechuunis eeran.
Ittigaafatamni keenya humna kana irree horsiisee bultootaa, hojjettootaa, hojii uumtotaa fi hoggantootaa gamtoomeen gara sona qabatamaatti jijjiruudhas jedhan.
Imalli jaarraa ijaarsaa fi olka’iinsa Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afrikaa taatee akka milkaa’uuf bu’aa damee hundaan galmeessine cimsinee itti fufna jechuunis ibsan.
Laykun Alamitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.