Finfinnee, Mudde 4, 2018(FMC)- Misoomni kooriidarii hojiilee og-aartiif haala mijataa uumu jedhan Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Gargaaraan Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyeen.
Ogeeyyiin aartii giddugaloota Og-Aartii fi hojiilee misooma kooriidarii magaalaa Finfinneetti hojjetaman daawwataniiru.
Ogeeyyiin kunneen Kompileeksii Siniimaa, Paarkii Araadaa, Giddugala og-aartii Muyaa Itiyoophiyaa, Giddugala Sarkasii Inxooxxoo fi hojiilee misooma kooriidarii biroo daawwataniiru.
Gargaaraan Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyeen wayita kana misoomni kooriidarii hojiilee og-aartiif haala mijataa uumuu dandeessisu jedhan.
Hojii misooma kooriidariin gidduagaloota og-aartii qulqullinni isaanii eegameefi ammayyaa ijaaramuu ibsaniiru.
Kunis xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenne kan agarsiisu ta’uu kaasanii, yeroo itti aanuttis cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Jamaal Ahimadtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.