Misoomni Kooriidarii misooma magariisaa bu’uureffatee hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 16, 2017(FMC)-Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa misoomni kooriidarii misooma magariisaa bu’uureffatee hojjetamaa jira jedhe.

Akka Ministir Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Yeetimgeetaa Asraat jedhanitti, hojiileen misooma kooriidarii hojii ijaarsa biyyaa cimsuuf gahee olaanaa bahachaa jirudha.

Sagantichi bu’uuraalee misoomaa misooma magariisaa waliin walitti hidhuun haala jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu danda’uun hojiirra oolaa jira jedhan.

Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa waaraan hojii misooma kooriidariin hojjetamaa jiraachuu eeeranii, diinagdeen magariisaa Itiyoophiyaan hojjechaa jirtu dhaloota egeree ilaalcha keessa kan galche ta’uus ibsaniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Konistiraakshinii Itiyoophiyaa Dooktar Yoonaas Ayyaalaw gamasaaniin, dameen konistiraakshinii sadarkaa idil-addunyaa kan eeggate akka ta’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Ulaagaalee dameen ijaarsaa guuttachuu qabu akka guuttatuufis xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.

Hojiin misooma kooriidariis dameen konistiraakshinii misooma magariisaa ilaalcha keessa kan galche akka ta’u gargaaruu Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ibsaniiru.

Zufaan Kaasaahuntu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment