Finfinnee, Caamsaa 6, 2017(FMC)- Misoomni kooriidarii yaaddoo balaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa bahachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaafi Abiddaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Hojiin misooma kooridarii balaa hir’isuu, ittisuufi to’achuuf haala mijataa uumuu komishinarri komishinichaa Koomaandar Ahimad Mahaammad ibsaniiru.
Kanaan dura balaawwan sarara elektirikaa walxaxaa ta’aniin wayita mudatan furuun ulfaataa akka tures yaadchiisaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa misooma kooridariin walqabatanii hojjetaman sararoonni elektirikaa lafa jala akka awwaalaman kan taasiseefi bishaan wayita balaan abiddaa uumamu dhaamsuuf gargaaru garaagarummaa fageenya kiloomeetira walakkaa irratti kan hojjetaman ta’uu eeraniiru.
Sadarkaa Kantiibaa Itti aanaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaan magaalichaa Injinar Wandimmuu Seetaan gamasaaniin, bu’uuraaleen misoomaa hojjetamaa jiran balaa hir’isuurra darbee dandeettiin balaa dandamachuu isaanii olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Maqdas Yeneehuuntu gabaase.