Finfinnee, Guraandhala 27, 2018 (FMC) – Misoomni Koriidaari Finfinnee qofa osoo hin taane maqaa gaarii Itiyoophiyaa ijaaraa jira jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Kantibaa Adaanech Abeebeen misooma koriidarii Uraa’elii – Boolee Madihaanelemii -Tarminaal Boolee VIP jiru eebbisiisaniiru.
Hojiileen misooma koriidarii kunneen miidhagina qofa osoo hin taane faayidaa olaanaa ummataaf kan argamsiisan ta’uu ibsan.
Misoomni Koriidarii Uraa’elii – Boolee Madihaanelemii -Tarminaal Boolee VIP har’a eebbifames daandii aspaaltii, tarminaaloota taaksii fi awutoobisii ammaayyaa, daandii Lafoofi Biskileettii, Buufata Chaarjessa Konkolaattota Elektirikaa, bakkeewwan daldalaa fi bashannaanaa carraa hojii hedduu uumaan, Finca’aawwanii fi iddoolee misooma magariisaa, dirreewwan kubbaa miilaa, kubbaa harkaa, akkasuma iddoolee bashannanaa daa’immaanii, kan hamate ta’uu ibsan.
#Oromia #Ethiopia