Finfinnee, Mudde 16, 2017 (FMC) – Misoomni Koriidarii Baadiyyaa qonnaan bultoota fayyadamtoota Teeknooloojii taasisuufi karaa ammayyaan akka oomishaniif deeggaruu Miseensi Koree Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa fi Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Misoomni koriidarii Naannichatti eegalaman faayidaa gama hedduu qabaachuu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.
Ummanni Itiyoophiyaa baadiyyaa jiraatu bu’uura diingadee biyyaattii ta’uu ibsuun, hoggansii fi akkaataan jiruuf jireenyaa garuu rakkoon jiraachuu kaasaniiru.
Misoomni Koriidarii Baadiyyaa qonnaan bulaan Aadaafi duudhaa isaa eeggatee ooyiruu qulqulluu, Lukkuu, Kuduraalee fi muduraalee akkasumas oomisha Dammaa fi Aannaniin badhaadhe taasisuu fi jiruuf jireenyaa ammayyaa’aa akka hordofu taasisuuf jedhan.
Bu’uuraalee misoomaa fooyyaa’aa ijaaruun garaagarummaa baadiyyaa fi Magaalaa gidduu jiru kan dhiphisu ta’uu ibsuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
Mootummaan naannichaa hubannoo qonnaan bultootaa cimsuun naannawaa misoomni Koriidarii hojjetametti jijjiiramni qabatamaan mul’achuu himaniiru.
Hojiin kunis cimee kan itti fufu ta’uu Pireezidaanti Shimallis mirkaneessaniiru..