Finfinnee, Hagayya 3, 2017 (FMC)- Misoomni Koriidarii fi qarqara lagaa magaalaa Finfinnee seenaa boqonnaa haaraa magaalichaa fi agarsiistuu bara bayyaanachuuti jedhan Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, magaaloonni sadarkaa isaanii eeggatan qaroomina biyyaatiif ,eegumsa madaallii uumamaa fi sochiileen misoomaa kan itti wal simanidha jedhan.
Magaalaan Finfinnee tattaaffii ijoollee isheen misoomaa fi miidhagaa jirti kan jedhan obbo Tamasgeen ,cichoomina jiraattoota isheen ifaa fi akkuma maqaa ishee midhaagaa jiraachuu himaniiru.
Tessoo biyyaattii fi Afrikaa kan taate Finfinneen kan miidhagina qofa osoo hin taane , tajaajila si’ataa, bashannanaa qofa osoo hin taane jiraattotaaf mijattuu, kana malees misoomni ariifachiisaa biyyattii kan itti madaalamuu fi agarsiistuu guddinaati jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.