Misoomni koriidarii filatamummaa Magaalaan Finfinnee Tuurizimii Konfiransiif qabdu guddisuun ibsame

Finfinnee, Ebla 29, 2017 (FMC) – Hojiin misooma koriidarii filatamummaa magaalaan Finfinnee tuurizimii konfiransiif qabdu guddisuun ibsameera.
Lammiileen biyya Naayijeeriyaa, Afirikaa Kibbaa, fi Ijibti tuuriziim Konfiransii irratti hirmaatan Faanaa Miidiyaa Korpooreshiniif yaada kennaniin, bu’uuraaleen misoomaa magaalattii guutuu ta’uun tuuristootaaf akka miijatu ibsaniiru.
Jijjiiramoonni ariifatoon magaalattiitti uumamaa jiranis caalmaatti tuurizimii konfiransiif akka miijattu gargaaruu lammiin Naayijeeriyaa Ayoo Deenehii dubbateera.
Miisooma koriidariin cinatti wiirtuuwwan walga’ii adda addaa ijaaramuun qaamolee idil addunyaa fi sadarkaa ardiitti dhimmichi ilaallatu hawwachuuf haala miijataa uumeeras jedhe.
Lammiin Afirikaa Kibbaa Konfiidansi Lukwaanee gama isheen, biyyi seenaa guddaa qabdu Itiyoophiyaan wantoota daawwatamuu qaban hedduu qabdi jette.
Yaadannoo Adwaa, Giddu gala Konveenshinii idil-addunyaa Addis dabalatee, misooma koriidarii magaalattii daawwachuun humna tuurizimii kuufamaa magaalattiin qabdu hubachuu ishees dubbatteetti.
Magaalaa Finfinnee al-sadii daawwachuu kan dubbatu lammiin Afirikaa Kibbaa kan biraan Shaatan Chiitaawoo gama isaan, magaalattiin misooma walirraa hincinnerra jirti jedhe.
Keessumaa misoomni koriidarii mootummaan geggeessaa jiru magaalattiin jireenyaaf akka miijattuu, daawwattootas akka hawwattuuf gargaaruu dubbate.
Lammiin Ijipti Ahimad Mahaammad’s daandiiwwan fi gamoowwan haaraan magaalattiitti mul’atan mootummaan misoomaaf xiyyeeffannoo kennuu akka mul’isan ibseera.
Hojiin turtii namoota konfiransii fi dhimmoota adda addaaf gara magaalattii dhufanii miidhagsu hojjetamuus ibseera.
Hojiin misooma koriidarii kun konfiransiiwwan sadarkaa ardii fi idil addunyaatti geggeeffaman qopheessuun muuxannoo bal’aa kan qabdu Itiyoophiyaaf humna dabalataa kan uume ta’uus eereera.
Iyyoonaadaab Andu’aalemitu gabaase.
Comments (0)
Add Comment