Finfinnee, ebla 9,2017(FMC)- Misoomni koriidarii magaalotaa Naannoo Oromiyaatti geggeeffamaa jiru misoomni haqaan uummata akka walga’u carraa kan uume ta’uu Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Naannichaa beeksise.
Misoomni koriidarii naannichatti magaalota 732 keessatti hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa obbo Biraanuu Baqqalaan himaniiru.
Kaayyoo guddaan misooma koriidariis magaalota keessatti bu’uuraalee misoomaa bifa qindaa’een babal’isuu, pilaanii magaalotaa ammayyaa ta’e sadarkaa eeganii qopheessuu akkasumas bifa miidhaginaa fi qulqullina magaalaa eegeen jiraattota fayyaduu akka ta’e eeraniiru.
Misoomni koriidarii eegaluun dura uummanni mari’achuu kan himan Obbo Biraanuun, kanaanis hojichi milkaa’aa jiraachuu kaasan.
Hojii misooma koriidarii kanaan filannoowwan geejjibaa jiran babal’isuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, miidhagina magaalotaa dabaluufis hojiiwwan dabalataa hedduun hojjetamaa jiru jedhan.
Hojichi magaalonni tuurizimii fi inveestimeentii akka hawwachuu danda’an gargaaraa jiraachuus himan.
Misoomni koriidarii naannichatti hojjetamaa jiru kun uummataaf carraa hojii uumaa waan jiruuf hirmaannaan uummatni hojicharratti qabu dabalaa dhufuus ibsaniiru.