Misoomni Koriidarii Yuunivarsiitiin Haramayaa Magaalaa Harar keessatti hojjete tajaajilaaf baname

Finfinnee, Adoolessa 10, 2017 (FMC) – Misoomni Koriidarii Yuunivarsiitiin Haramayaa hambaa Jugal keessatti hojjete eebbifamuun tajaajilaaf baname.

Naannicha bakka ga’umsa Tuurizimii taasisuuf hojiileen hojjetaman jajjabeessaa ta’uu Pireezidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badiriin ibsan.

Hambaan Jugal jiraattootaa fi daawwattootaaf mijataa akka ta’u hojiilee hedduun hojjetamaa turuu eerun, Yuunivarsiitiin Haramayaas Misooma Koriidarii Daandii keessa keessatti hojjechuun ashaaraa isaa kaa’uu himan.

Hojiin Yuunivarsiitichi hojjete qaamolee biroof fakkeenya gaarii akka ta’e dubbatan.

Yuunivarsiitin Haramayaa daandii keessa keessaa meetira 100 ol hojjechuu hogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa Heenook Mulunahin Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment