Finfinnee, Guraandhala 4, 2018(FMC) – Mootiin Lesseetoo Leetiisoo 3ffaan yaa’ii 39ffaa Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita ga’anis Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa simataniiru.
Yaa’iin hoggantootaa 39ffaan Gamtaa Afrikaa Sanbataa fi Dilbabta dhufu geggeeffama.
Yaa’ichi mata duree “Sirna eegumsa qulqullinaa na-eenyi isaa eegame mirkaneessuun milkaa’ina Galmoota Ajandaa 2063’f” jedhuun geggeeffama.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia