Finfinnee, Sadaasa 9, 2018(FMC) -Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa, mootummaan ajandaawwan nama irratti xyyeeffataniif xiyyeeffannaa addaa kennuun misooma hunda hammatu fiduuf hojjetaa jira jedhan.
Ministirichi fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, giddugalli gabaa oomishaalee qonnaa fi indaastirii magaalaa Dasseetti argine akkasumas hojiiwwan galma biddeen itti tolchamu rakkoolee guyyuu hawaasaa furuuf tattaaffii nuti goonuuf agarsiistuu tokko jedhan.
Kaayyoowwan ijoo giddugala gabaa kanaa oomishtootaafi shammattoota walitti fiduun cancala daldalaa gidduu isaanii jiru gabaabsuu, gatii madaalawaan dhiyeessuun gabaa tasgabbeessuu akka ta’e dubbataniiru.
Giddugalichi oomishaaleen qonnaa, indaastiriifi kuduraalee fi fuduraalee akkasumas bu’aaleen beelladootaa kan itti gurguraman ta’uus kaasan.
Adeemsi badhaadhinaa biyyattii hawaasi hundi fayyadamaa ta’uun misooma itti fufaa haqa hawaasummaa bu’uureffate mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia