Mootummaan ayyaanni mul’istuu tokkummaa akka ta’uuf eegumsa ni taasisa

Finfinnee, Caamsaa 29, 2017(FMC) – Ayyaanni mul’istuu danoomaa fi waloomaa akka ta’uuf mootummaan kunuunsa fi eegumsa ni taasisa jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Tajaajilichi hordoftoota amantii isilaamaan baga ayyaana Id Al Adhaan isin ga’e jechuun ergaa dabarseera.

Erga kanaan ayyaanotni amantii fi uummataa mul’istuu danoomaa fi fakkeenya walooma keenyaa ti jedheera.

Ayyaanotni kunniin kan amantii kan uummataa, kan mana keessaa, ykn kan addabaabaayii ta’uu akka malanis ibseera.

Yaadni isaanii bu’uuraa garuu gammachuu, abdii, biyyaalessummaa qooddachuun ykn walgargaaruu akka ta’es hubachiiseera.

Har’a hordoftoota amantii Islaamaa biratti kabajamaa kan jiru Ayyaanni Iid Al Adhaa ayyaanota walgargaaruun , waliif yaaduu fi tokkummaan itti mul’atu keessaa tokko dhas jedhe.

Ayyaana kanaan kan qabu kan biraas maaddii kan itti qoodu, waloomni fi michoomni kan itti cimu ta’uu ibseera.

Danoomai fayyaa, walgargaaruu fi maaddii qooddachuun aadaa godhachaa kan dhufe mootummaan jijjiiramaas, ayyaanotni kun mul’istuuwwan danoomaa fi waloomaa akka ta’aniif eegumsaa fi kunuunsa barbaachisu ni kennaa jedhe.

Lammiileen ayyaanota uummataa fi amantii haala ho’aa ta’een waliin akka kabajaniif mootummaan cimsee akka hojjetus mirkaneesseera.

Comments (0)
Add Comment