Mootummaan bakkeewwan gahumsa tuurizimii misoomsuuf kutannoo qabu qabatamaan agarsiiseera- Salaamaawit Kaasaa

Finfinnee, Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawit Kaasaan mootummaan bakkeewwan gahumsa tuurizimii misoomsuuf kutannoo qabu qabatamaan agarsiiseera jedhan.

Ayyaanni jijjiirraa baraa saba Kambaataa ‘Maasaalaan’ magaalaa Duuraameetti haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.

Ayyaanicharratti kan argaman Salaamaawit Kaasaa akka jedhanitti, haadha duudhaalee aadaa hedduu addunyaa dinqisiisuu danda’anii kan taate Itiyoophiyaan dandeettii tuurizimii olaanaa qabdi.

Naannoon Giddugaleessa Itiyoophiyaa iddoowwan hawwata tuurizimii hedduu qabaachuu kaasanii, ayyaanonni dirree akka Maasaalaa ammoo miidhagina keenyadha jedhan.

Iddoowwan hawwata tuurizimii naannichatti argaman misoomsuufi bakka gahumsa tuurizimii taasisuuf mootummaan kutannoo qabaachuus kaasaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Naafiisaa Almaahidiin gamasaaniin, mallattoo waliin hojjechuu, wal tumsuufi dhiifamaa kan ta’e Maasaalaan agarsiistuu Itiyoophiyaan haadha ayyaanota hedduu ta’uuti jedhan.

Naannichi aadaa qabu misoomsuufi beeksisuuf hojjechaa jiraachuu eeranii, ayyaanota akka Maasaalaa tokkummaa sabdaneessa cimsuuf itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Pireezidaantii Itti aanaa fi Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaafi Hogganaan Biiroo Barnootaa naannichaa obbo Anteenee Fiqaaduun ammoo Maasaalaan ayyaana hariiroon maatiifi hawaasaa itti mul’atuu fi garaagarummaan tokkummaan bakka bu’udha jedhan.

Wayita Maasaalaa kabajnu seenessa waloo, nageenyaafi tokkummaa cimsuun ta’uu qaba jechuunis dhaamaniiru.

Feevan Bishaawutu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment