Finfinnee, Mudde 15, 2018 (FMC) – Mootummaan Eertiraa uummata Afaar irratti duguuggaa sanyii raawwachaa jira jedhan Dura Taa’aan Dhaabbata Dimookiraasii Afaar Galaana Diimaa Ibraahim Haaruun.
Dura Taa’ichi ibsa miidiyaaleef kennaniin Mootummaan Eertiraa uummata Afaar irratti murtoo seeraa malee ajjeechaa, duguuggaa sanyii, hidhaafi dararaa, dirqiin loltummaaf filuu fi buqqisaa jiraachuu ibsaniiru.
Uummanni Afaar Galaana Diimaatti bilisummaa amantaa akka hin qabaanneefi afaan isaan akka hin baranne dhorkamuun dhiibbaan irra gahaa jiraachuu akkasumas qurxummii akka hin kiyyeessineef dhorkamuufi galaana diimaa irratti sochii kamiiniyyuu akka hin raawwanne taasifamuu eeraniiru.
Dhalattoota Afaar magaalaa Asab fi bakkeewwan biroo keessaa buqqaasaa, sosochii diinagdee keessaa dhorkaa, dargaggoota dararaa, ukkaamsaafi waggoota dheeraaf iddoowwan dhoksaatti hidhaan dararaa jiraachuufi abbootii amantaafi jaarsolii biyyaa ajjeessuun sarbama mirga namoomaa raawwachaa akka jiru ibsaniiru.
Dararaa Mootummaan Eertiraa uummata Afaar Galaana Diimaa irraan gahaa jiru Komishinii Mirgoota Namoomaa Afrikaatti himata dhiyeessuu ibsuun, gaaffichi Komishinicharraa fudhatamummaa argatee Mootummaan Eertiraa guyyoota 60 keessatti deebii akka kennu gaafatamuu dubbataniiru.
Sarbama mirga namoomaa mootummaan Eertiraa raawwachaa jiru kana hawaasni idil addunyaa akka balaaleffatu waamicha dhiyeessaniiru.
Abdulqadir Jamaaltu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.