Finfinnee, Caamsaa 18, 2017 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa mirkaneessuuf inisheetivoota misoomaa garaagaraa bocuun hojirra oolchuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Qamadii Jallisiin misoomsuun imala hirkatummaarraa gara oomishtummaatti taasifamu milkeessuuf lafti heektaara kuma 200 ol kilaastaraan misoomuu dubbataniiru.
Kana irraayyis callaan kuntaalli miiliyonni 8 ol kan eegamu ta’uun eerameera.
Qonnaan bultoonni waan misoomsanii argatan irraa qusachuun gara invastimantiitti ce’uu akka qabu himaniiru.
Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuuf Nya’aatti Qamadii Jallisii kilaastaraan misoome daawwataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin