Mootummaan guddina damee aadaatiif xiyyeeffannoo kenneera – Ministira Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa

Finfinnee, Amajjii 16, 2017 (FMC) – Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaan mootummaan damee aadaa eeguu fi guddisuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Mariin paanaalii walharkaa fuudhinsi Sirna Gadaa Booranaa Baallii 72ffaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaatiin qophaa’e Finfinneetti taa’ameera.

Sagantaa kana irratti Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa, Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaa Jaamiilaa Simbirruu, Hogganaan Waajjira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdulaziiz Daawud, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru.

Walharkaa fuudhinsi Baallii Gadaa Booranaa Guraandhala 25 – 30, 2017, sagantaalee adda addaan Godina Boorana Bahaa Aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Badhaasaattti ni raawwatama.

Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa akka jedhanitti, ministeerichi aadaa fi duudhaalee biyyattii kunuunsuuf hojjechaa jira.

Sirna Gadaa kunuunsuuf gumaacha Abbootiin Gadaa Oromoo taasisaniif Ministeerichi galata guddaa qaba jedhan.

Mootummaan damee aadaa eegsisuufi cimsuuf ciminaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Jamilaa Simbiruu gama isaaniin, sirni Gadaa sirna bulchiinsa dimokiraatawaa fi aangoo karaa nagaan dabarsuu addunyaaf gumaachuu ibsaniiru.

Aadaa naannichaa babal’isuu fi duudhaaleen isaa eegamanii dhaloota dhufuuf akka darban tattaaffiin taasifamaa akka jiru himaniiru.

Sirni Gadaa manneen barnootaa naannichaa keessatti akka gosa barnootaatti barsiifamuun, daa’imman aadaa fi dimokiraasii isaanii akka baratan kan taasisu ta’us ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdulaziz Daawud gama isaaniin Sirni kun dhaloota dhufuuf akka darbu hayyoonni qorannoo fi qorannoon deeggeruu akka qaban hubachiisaniiru.

Abbaan Gadaa 71ffaan Kuraa Jaarsoo akkaataa sirna Gadaatiin aangoo isaanii gammachuu fi jaalalaan dabarsanii kennuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

“Baalii gammachuun dabarsinee kennuuf qophiidha, ummanni Itiyoophiyaas argamuun sirna kana akka deeggaru waamicha goona” jedhan.

Abbaan Gadaa Boorana 72ffaa kan ta’an Guyyoo Boruu akkaataa hojimaata kanaan aangoo Gadaa fudhachuuf qophaa’aa jiraachuu himaniiru.

Sirni Gadaa bara 2009 Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti (UNESCO)n hambaa Aadaa Kiliyyaa Addunyaa ta’ee galmaa’uun Kan yaadatamu ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment