Finfinnee, Fulbaana 18, 2018 (FMC) – Mootummaan hanqinaalee kenniinsa tajaajilaa sadarkaa hundatti mul’atan furuuf hojjetaa jira jedhan Ministirri Ministeera Pilaanii fi Dooktar Fitsuum Asaffaa.
Magaalaa Bahiirdaaritti Tajaajilii Giddugala tokkoo Masoob har’a bakka Pireezidaantiin naannichaa obbo Araggaa Kabbadaa, Ministira Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaa dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoolee biroon argamanitti hojii eegaleera.
Giddugalichi dhaabbilee 14 kan of keessatti qabate yoo ta’uu, tajaajiloonni 47 giddugala kanatti kan kennaman ta’uu saganticharratti ibsameera.
Masoob lammiileen tajaajila barbaadan bakka tokkotti akka argatan taasisa jedhan Dooktar Fitsuum Asaffaan.
Kunis mootummaa fi lammiilee walitti dhiyeessuuf shoora olaanaa qabaachuu dubbachuu AMCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.