Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC) –Mootummaan hanqinaalee misooma fayyaa qoraa jiran adda baasuun hirmaannaa hunda galeessa ta’een furuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jira jedhan Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsannat Warqineen.
Mariin bu’a qabeessummaa hojii fayyaa mirkaneessuu fi hirmaannaa ogeeyyiin fayyaa imala ijaarsa biyyaa keessatti taasisan guddisuu irratti xiyyeeffate ogeeyyii fayyaa guutuu Oromiyaa bakka bu’an hirmaachisuun gaggeeffameera.
Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofeesar Natsannat Warqinee waltajjicharratti akka jedhanitti, mootummaan hanqinaalee misooma fayyaa naannichaa qoraa jiran adda baasuun hirmaannaa hunda galeessa ta’een furuuf xiyyeeffannaan hojjachaa jira.
Ogeessonni fayyaa dirqama ogummaa fi waadaa hawaasaaf galan qixaan bahachaa hirmaannaa imala ijaarsa biyyaa keessatti taasisan dachaan akka guddisan dhaamaniiru.
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti gaafatamaan Damee Ijaarsaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan gamasaaniin, ogummaan fayyaa ogummaa kabajamaa hawaasa fayya buleessa ijaaruun aantummaa uummataa gochaan kan itti agarsiisan ta’uu ibsan.
Damichaan Oromiyaatti milkaa’inoonni gurguddoon qaqqabamummaa tajaajila guddisaniifi kenna tajaajilaa ammayyeessan galmaa’aa jiraachuu himanii, injifannoowwan kanneeniif gumaachi ogeessota fayyaa olaanaadha jedhan.
Ogeeyyiin fayyaa maricharratti hirmaatan hanqinaalee hojii damicha keessatti mul’atan maqsuuf xiyyeeffannaan hojjatamuu akka qabu kaasanii, galmoota misoomaa fayyaa fi imala badhaadhina biyyaa fiixaan baasuuf gahee adda durummaa kan bahatan ta’uu ibsuusaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.