Finfinnee, Adoolessa 30, 2017 (FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna namaa fi qabeenya uumamaa qabutti sirnaan fayyadamuun badhaadhina naannoofi biyyaa mirkaneessuuf sagantaa Tajaajila Lammummaa labsuun hojjechaa jira jedhe Biiroon Maallaqaa Oromiyaa.
Naannichatti Tajaajila Lammuummaa ganna bara 2017/2018tiin namoota Miliyoona 30 ol fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jira.
Karoora Tajaajila Lammuummaa Ganna bara 2017/2018 ilaalchisuun Biiroon Maallaqaa Oromiyaa damee Tajaajila Lammummaa ibsa miidiyaaleef kenneera.
Ibsicha kan kennan Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Maallaqa Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Damee Tajaajila Lammummaa Dooktar Mahaammadnaasir Abbaajamaal, Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna namaa fi qabeenya uumamaa qabutti sirnaan fayyadamuun badhaadhina naannoofi biyyaa mirkaneessuuf sagantaa Tajaajila Lammummaa labsuudhaan hojiirra oolchee jiruun bu’aalee gurguddoon argamaa jiraachuu himaniiru.
Hojii kanneen caalmaatti milkeessufis mootummaa qofaan osoo hin taane hirmaannaa uummataatiin raawwatamaa jira jedhan.
Oromiyaatti bara baajataa 2018tti kenna tajaajila lammummaatiin gosa hojiiwwan 72’n tajaajila lammummaa qarshii biiliyoona 300 fi biiliyoona 60 oliitti tilmaamu hojjechuuf karoorfachuu ibsaniiru.
Ganna kana gosa hojii 34’n tajaajilli lammummaa qarshii Biliyoona 100 fi biiliyoona 7 olitti tilmaamamu kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Gama biroon hojii tajaajila lammuummaa ganna bara 2017/2018 kanaan namoota miliyoona 30 fi kuma 75 fi 524 fayyadamaa taasisuuf namoota miliyoona 30 fi kuma 500 ol hirmaachisuun kan hojjetamu ta’uus dubbataniiru.
Kana keessaas biqiltuu biiliyoona 4.93 dhaabuu, arjoommii dhiigaa yuuniitii 120,000 taasisuu, mana barumsaa bu’uura boruu 2,140 ijaaruu, mana harka qalleeyii 42,000 ijaaruu, meeshaalee deggersaa barnootaa miiliyoona 4 ol akkasumas manneen barsiisotaa 22,000 tajaajila lammummaa gannaatiin ijaaramuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.