Mootummaan Itiyoophiyaa mootummaa rakkoon hin gufanne, furmaataan kan ce’uudha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Mootummaan Itiyoophiyaa, mootummaa rakkoon hin gufanne, furmaataan kan ce’uudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Sirni beekamtii kennuu kaffaltoota gibiraa amanamoo ta’anii 7ffaan guyyaa kaleessaa gaggeeffameera.

Deeggarsaa fi liqaa tokko malee maallaqa keessaniin Itiyoophiyaan ijaaramaa jirti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.

Dhaabbileen dhuunfaa bu’aa dhuunfaa isaanii caalaa dhimmoota hawaasummaaf of qopheessuu akka qaban dubbatan.

Faayidaa biyyaa fi dhalootaaf dursa kennuun hojjechuun barbaachisaa ta’uu himan.

Yeroo rakkoo fi gammachuu cichoominaan waloon dhaabbachuun murteessaa ta’uu eeran.

Mootummaan Itiyoophiyaa, mootummaa rakkoon hin gufanne, rakkoo kamiiyyuuf furmaata kaa’uun ce’uudha jechuun ibsan.

Waan dubbanne ni raawwanna, kan jalqabne ni xumurra,wacaan hin raafamnu, kabajamaan of hin dagannu jedhan.

Bara Itiyoophiyaan bayyanachuu eegalte waan ta’eef hojiin hojjetamu kamiiyyuu daangaa Itiyoophiyaa keessatti qofa daanga’uu akka hin qabne hubachiisan.

Itiyoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane biyyoota Afrikaa biroo keessattis oomishuu eegaluun murteessaa ta’uu kaasan.

Qormaatilee mudatan kamiiyyuu gara carraatti jijjiiruun Itiyoophiyaa ijaaruuf cichoominaan hojjechuun barbaachisaa akka ta’uus hubachiisaniiru.

Comments (0)
Add Comment