Mootummaan Jaappaan deeggarsa Doolaara miiliyoona 17.4 Itiyoophiyaaf kenne

Finfinnee, Caamsaa 9, 2017(FMC) – Mootummaan Jaappaan magaalaa Finfinneetti ittisa dhibee daddarboo fi tajaajila fayyaa cimsuuf kan oolu deeggarsa Doolaara miiliyoona 17.4 kenneera.

Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Shibataa Hiiroonooriin waliigalticha mallatteessaniiru.

Obbo Ahimad Shiideen mootummaan Jaappaan sirna fayyaa Itiyoophiyaa ammayyeessuuf deeggarsa kenna jiru galateeffataniiru.

Deeggarsi taasiifame hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu eeraniiru.

Mootummaan Jaappaan deeggarsa hundagaleessa dameewwan adda addaan Itiyoophiyaaf taasisu cimsee kan Itti fufu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Shibataa Hiiroonooriin mirkaneessaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment