Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) – Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa guyyoota shanan Cichoominaa ilaalchisee ibsa kenneera.
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.
Jalqabbii Olka’iinsaa; Guddina Caalmaaf!
Itoophiyaan biyya qarqara diigamuu geessetu injifannoo aarsaa qaaliin argameen qormaatota cichoominaan injifachaa waloomaanis ijaaramaa dukkana wallaalummaafi hiyyummaa mo’achaa abdiirraa gara ifa qabatamaatti imaluu eegalte. Kanaanis waggoota torban darbe rifoormiiwwan gurguddaa damee hundaan hojiirra oolfaman hordofee injifannoo milkaa’aan haaromsa Itoophiyaa sadarkaa Idil-Addunyaatti olkaase gama siyaasaa, dinagdee, hawaasummaafi dippilomaasiitiin galmaa’eera.
Icciitiin Injifannoo roga maraan galmaa’aa jiruuf ka’umsi hoggansa tarsimaa’aa yaadee karoorsee hojjetee hojjechiisuun milkeessu qabaachuu irraa kan maddedha. Kanaanis injifannoolee abdiirraa gara ifa qabatamaatti ce’uun humna abjuutiin olka’iinsa Itoophiyaa dhugoomsan keessaa ijoon jijjiirama siyaasaa wareegama qaaliin galmaa’edha.
Bu’aawwan jijjiirama siyaasaa argame hordofanii argaman keessaas rifoormii dinagdee gooroo humna jijjiiramaa mandhaleen durfamuun hogganamu dinagdee damdaneessa sochoosuu, sagantaa Ashaaraa magariisaa, Meeggaa Pirojektoota ijaaruun qulqullina, baay’inaafi ariitiin xumuruu, oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuu, imala wabii nyaataa mirkaneessuu, alergii guddisuu, tarkaanfii nagaa waareessuun obbolummaa sabdaneessa cimsuufi injifannooleen kanneen biroo copha dafqaafi dhiiga lammileetiin galmaa’aa jiran utubaalee ashaaraa dhaloota haaraa kanaati.
Mootummaan keenya fagoo yaadee kan karoorsu, uummatasaa qindeessee hojjetee kan milkeessu jecha gochaan dhugoome mirkaneessuun imala bayyanachuu bu’uuressaa abdiirraa gara ifa qabatamaatti cesisuun olka’iinsa Itoophiyaa jalqabsiiseera. Kanaafis barii Birraa bara 2018 kanatti aaga badhaadhinaa jalqabbii olka’iinsa guddina caalmaa Itoophiyaaf kan labsinu boqonnaa haaraa bayyanachuus kan itti saaqnu ta’a.
Haaluma kanaan guyyoonni Qaammee Shanan jala bultii waggaa haaraa bara kanaaf maqeeffamni haaraan kan kennameef yoo ta’u, kunis bara haaraatti humna haaraan karoora galma keenyaa kaayyoon masaknee imala boqonnaa haaraa kan itti fufsiifnudha.
Haaluma kanaan guyyootni Qaammee Shanan dhaadannoo “Jalqabbii Olka’iinsaa; Guddina Caalmaaf” jedhuun kan kabajamu yoo ta’u, ergaalee ijoo olka’insa Itoophiyaa mul’isaniifi walooma jabeessanis hammachiifameera. Haaluma kanaan
Qaammeen 1: Guyyaa Cichoominaa
Qaammeen 2: Guyyaa Waloomaa
Qaammeen 3: Guyyaa Oomishtummaa
Qaammeen 4: Guyyaa Olka’iinsaafi
Qaammeen 5: Guyyaa Egeree keenyaa ta’uun sirnoota garaagaraan kan kabajamanidha.
Ayyaanota injifannoo keenyaan kabajuu garasitti qormaata injifachaa dhufne injifachaa itti fufuun ifa badhaadhinaa qabannee gara gaara badhaadhinaatti imaluu keenya kan itti ifoomsinudha. Uummatni keenyas adda hundarratti cichoominaan hojjechuun imala Badhaadhinaa milkeessuu akka qabu waamicha taasifna.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Hagayya 2017
Finfinnee
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.