Finfinnee, Ebla 30, 2017 ( FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa cabiinsa aadaa, duudhaafi safuu baroottan darban sababoota garaagaraan irra gahan furuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa ibse.
Baroottan darban sababoota diinagdee fi siyaasaan cabiinsa aadaa mudatee ture furuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhan Hogganaa Itti aanaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Gargaaraan Piroofeeseraa Daraaraa Katamaan.
Haaromsi aadaa diinagdee, siyaasaafi teeknooloojii kan of keessatti hammate ta’uu eeraniiru.
Haaromsi aadaa kan barbaachiseef kalaqaa fi teeknooloojii jajjabeessuuf, haala addunyaan yeroo ammaa irra geesse waliin adeemuu fi jijjiirama addunyaan yeroo ammaa keessa jirtu waliin imaluuf akka ta’e ibsameera.
Leenjiin Haaromsa Aadaa irratti xiyyeeffate ogeeyyii miidiyaaf Giddugala Aadaa Oromootti kennamaa jira.
Kaayyoon leenjii kanaas haaromsa aadaarratti hubannoo uumuuf ta’uu kan ibsame yoo ta’u, milkaa’ina haaromsa aadaa keessatti qoodni miidiyaa olaanaa ta’uus eerameera.
Ayyaanaa Dheeressaatu gabaase.