Mootummaan Paarlaamaan itti aanu sagaleen adda addaa akka itti dhaga’amuuf cimsee hojjeta

Finfinnee, Amajiii 26, 2018 (FMC) – Mootummaan Paarlaamaan filannoo waliigalaa baranaan hundaa’u sagaleen adda addaa kan itti dhaga’amu akka ta’uuf cimsee hojjeta jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy gaaffilee miseensota Mana Maree irraa filanoo ilaalchisee dhiyaataniif deebii kennaniin akka ibsanitti, filannoon waliigalaa bara kanaa yeroo isaa eegee ni geggeeffama.

Filannichi naga qabeessa, hammataa fi diimokiraatawaa akka ta’ufis mootummaan ni hojjeta jedhan.

Hawaasni bu’aa filannoo beekee akka hirmaatuufis miidiyaaleen hojjechuu akka qaban hubachiisan.

Paarlaamaa amma hojiirra jiru keessatti bakka bu’oonni paartilee adda addaa itti hirmaachaa akka jiranis himanii, paarlaamaa itti aanu keessatti kana caalaatti sagaleewwan adda addaa akka itti dhaga’amaniif mootummaan cimsee akka hojjetu cimsanii kaasaniiru.

Yaadonni adda addaa paarlaamaa keessatti dhaga’amuun bu’a qabeessa akka ta’e kan dubbatan Dooktar Abiy, kanaafis qooda fudhattoonni ammumarraa itti hirmaachuuf hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment