Finfinnee, Bitootessa 10, 2018( FMC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonna naannichaa adeemsa fooyya’iinsa dabalataa keessaa baasee ‘Jijjiirama Bu’uuraa’tti ceesisuuf warraaqsa taasisaa jira jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonna naannichaa adeemsa fooyya’iinsa dabalataa keessaa baasee ‘Jijjiirama Bu’uuraa’tti ceesisuuf warraaqsa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
Inisheetivoota Qonnaa: Humna Ce’umsa Sirna Dinagdee
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qonna naannichaa adeemsa fooyya’iinsa dabalataa keessaa baasee ‘Jijjiirama Bu’uuraa’tti ceesisuuf warraaqsa taasisaa jira. Milkaa’ina galma kanaatifis inisheetivoota qonnaa bara 2012 tokko jedhee jalqabe yeroo ammaa 33 qaqqabsiisera. Inisheetivoonni kunniin meeshaa tarsiima’oo hubannoo, teknoolojiifi galmoonni qonnaa haaraa ce’uumsa sirna dinagdee dhugoomsan ittiin tarkaanfatanidha.
Ergamni addaa kun, adeemsa raawwii keessatti akka xiyyeeffannoo argatu amaloota ijoo humna ce’uumsaa isaan taasisan haa’ilaallu:
1. Harka-Naqannaa Tarsiima’aa (Strategic intervention):
Inisheetivoonni keenya karoora ittiyaadame, toorawwan xiyyeeffannoo ifa ta’an, tarsiimoofi tooftaalee hojiirra oolmaa cimaa irratti kan bu’uureffamaniidha. Tarkaanfiiwwan kunniin, akkuma fala cabiinsa sirna qonnaa armaan dura turee ta’an, fuuldurattis hudhaawwan numuudachuu malaniifis akka deebii dursootti (proactive) nutajaajilu. Darbees, gaaffilee “eessatti, maal, akkamitti?” jedhaniif deebii saayinsaawaa ta’aa jiru.
Akkuma beekamu armaan dura galmi qonna keenya “harkaa-gara-afaanii” bira jabaatee yoodarbe gabaa naannawaa (local market) bira kan darbu hinturre. Harka-naqannaa fuulleffataa kana booda qoteefi horsiisee bulaan keenya, hiixannaa kaayyoo inisheetivoota keenyatiin dorgomummaa gabaa giddugaleessaafi idil-addunyaa kaayyeffachuutti ce’aa jira. Kunis oomishtummaa qofa osoo hintaane, gosoonnifi qulqullinni omishaa xiyyeeffannoo akka argatan taasisuurratti argama.
2. Beekumsaan Masakamuufi Teknoolojii Madaqsuu:
Hudhaalee caasawaa qonna keenyaa keessaa isaan ijoon hirkattummaa mala aadaa, rooba, gateettii qotiyyoofi humna namaa irratti qabuudha. Inisheetivoonni kunniin teknoolojiiwwan, ragaalee, beekumsaafi maloota saayinsaawaa qoteefi horsiisee bultoota biratti beeksisuufi babaldhisuu akkasumas dandeettii hundagaleessa ijaaruu keessatti humna guddaa ta’aa jiru. Galmi keenya jijjiirama yeroofi iddoon daanga’ee miti. Kanaaf qooddattoota kanniin ciminaan raawwachuun, guutuu sektarichaa ariitiin mala aadarraa gara saayinsaawatti kan fudhatuudha.
3. Cancala Indastiriifi Sonaa Sirnaawaa:
Inisheetivoonni keenya oomishtummaa guddisuu qofarratti kan daangeffaman miti. Caasaa dinagdee qonnaa gara indastiriitti ceesisuu irratti xiyyeeffannoo olaanaa kennaa jiru. Kanaanis, qoteefi horsiisee bulaa keenya omisha qofa osoo hintaane, abbaa madaallii gabaafi fayyadamaa ‘sona dabalataa’ taasisuu irratti milkaa’aa jirra. Adeemsi kun qoteefi horsiisee bulaa dabalatee damicha bu’uura dinagdee gooroo waan taasisuuf cimsinee kan ittifufnu ta’a.
4. Giddugaleessummaa Haaromee: Riqa Baadiyyaafi Magaalaa:
Inisheetivoonni keenya akkuma omisha gara indastiriitti dhiyeessan, indastiriis gara omishaatti dhiyeessuun walitti hidhamiinsa qar-lamee uumaa jiru. MNO gandoota naannichaa 7,300 ol ta’an keessatti Giddugalliwwan Guddina Baadiyyaa (Haaromee) pilaaniin hundeessuu irratti argama. ‘Haaromeen’ riqicha baadiyyaa keenya gara giddugaleessa daldalaafi indastiriitti ceesisuudha. Kunis ce’umsa sirna dinagdee baadiyyaa ‘harkaa-gara-afaanii’ irraa gara gabaafi indastiriitti taasifnu ariifachiisuuf kan nugargaarudha.
5. Damdamannaafi Birmadummaa Nyaataa:
Inisheetivoonni kunniin hunda caalaa bu’uura birmadummaa keenyaati. Nyaataan ofdanda’uun, hiika Birmadummaa Siyaasaati. Qonni keenya jijjiirama qilleensaa damdamachuu kan danda’u, ittifufiinsa kan qabaatu darbees egeree dhaloota haaraa kan mirkaneessu ta’uu qaba. Ummata keenya nyaataan ofdandeessisuun, gama tokkoon dhaloota fayyaalessa, gama birootiin birmadummaa siyaasaa ummataafi biyya keenyaa mirkaneessudha.
Dhumarrattis, inisheetivoonni keenya goonkumaa akka hojii idileetti kan hinilaalamne ta’uu kanan yaadachiisu ta’a. Bu’uuruma kanaan, hoggansi, ogeessifi raawwataan keenya sadarkaan jiru, akka ergama addaatti fudhatee, milkaa’ina isaaf sabboonummaa olaanaan akka tarkaanfatu cimsee hubachiisuun barbaada.
#Oromia #Ethiopia