Mootummaan xiyyyeefannoo damee tuurizimiif kenneen hambaaleen haaraa fi iddoowwan seenaa misooman- Salaamaawiit Kaasaa

Finfinnee, Caamsaa 14, 2017 (FMC) – Mootummaan xiyyyeefannoo damee tuurizimiif kenneen hambaaleen haaraa fi iddoowwan seenaa misoomsuu Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawiit Kaasaan ibsan.

Yaa’iin 2ffaa qorannoo Hambaa fi yaadannoo guyyaan Hambaan Luusii itti argame waggaa 50ffaa taa’aameera.

Yaa’icharratti Salaamaawiit kaasaan haasawaa taasisaniin, Itiyoophiyaan biyya hambaalee hedduu qabdu ta’uu ibsuun, damichaaf xiyyeeffannoon barbaachisuu kennamuu dhabuu isaan hambaalee fi bakkeewwan seenaa amma barbaadamu osoo hin misoomiin turan jedhan.

Jijjiiramaa as xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenneen hambaaleen haaraa fi bakkeewwan seenaa misoomuu danda’uu eeraniiru.

Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee Gargaraan Pirofeesaraa Ababaawu Ayyaleen gamasaaniin, Abbaan Taayitichaa waggoottan darban damee qorannoo fi qo’annoo hambaan hojiilee hedduu hojjechaa turuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaayi Ambaasaaddar Aleeksiis Laameek, Mootummaan Faransaayi hojii qorannoo fi eegumsaa fi kunuunsa hambaan deeggarsa garaagaraa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Sababa haaroomsaaf cufaa kan ture Godaambaan Biyyaalessaa Itiyoophiyaa eebbifamuun tajaajilaaf banameera.

Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment