Mootummoonni Gamtooman hojiilee Misooma Turizimii Itiyoophiyaa dinqiisifate

Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC)- Hojiileen Itiyoophiyaan Ikkoo Tuurizimii babal’isuuf hojjette kan dinqisifatamuudha jedhe Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Tuurizimii.

Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen yaa’ii Mootummoota Addunyaa Emereetoota Araba Gamtoomanii Dubaayitti gaggeeffamaa jiruun cinatti Barrreessituu Olaantuu Dhaabbatichaa Shaa’ika Al Nawaayis waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, ijaarsa dandeettii tuurizimii fi misooma waaraarratti damicha faayinaansiin deeggaruun akkaataa danda’amurratti mari’ataniiru.

Barreessituu Dhaabbatichaa wayita kana akka jedhaniti, hojiileen Itiyoophiyaan Ikkoo tuurizimii babal’isuuf misooma tuurizimiirratti hojjechaa jirtu dinqiisiifataniiru.

Maricharratti Sadarkaa Ministira Muummee itti aanaatti Hogganaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment