Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) –Yaa’iin Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii baajata idilee 2026’f Doolaara biiliyoona 3.45 raggaasiseera.
Biyyoonni miseensa Mootummoota Gamtoomanii 193 baajaticha kan raggaasisan yoo ta’u, baajanni ragga’e dhimmoota bu’uuraa 3 raawwachuuf oola jedhame.
Nageenyaa fi Tasgabbii, misoomaa waaraa fi dhimmoota mirga namoomaaf oola jedhameera.
Dabalataan dhimmoota siyaasaa, seeraa fi haqa idil addunyaa, tumsaa fi misooma naannawaaf, akkasuma deeggarsa namoomaaf kan oolu ta’uutu ibsame.
Baajatni ragga’e kan bara darbeen yoo madaalamu %7 gadi bu’aa jedhamuu ‘Euronews’ gabaasera..
Miikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia