Finfinnee, Guraandhala 7, 2018 (FMC) – Mootummoonni Gamtoomanii misoomaa fi badhaadhina Afrikaaf deggersa kennu cimsee itti fufa jedhan barreessaa olaanaan Dhaabbatichaa Antooniyoo Guteereez.
Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti kan argaman Antooniyoo Guteereez Afrikaan Mana Maree Nageenyaa dhaabbatichaa keessatti teessoo dhaabbataa akka qabaattu cimsanii kaasaniiru.
Gamtaan Afrikaa nagaa, galma guddina itti fufaa fi mirga namoomaan hojii jajamaa raawwachaa akka jirus kaasanii, walitti bu’iinsa Sudaan Kibbaa fi Rippaabilika Diimokiraatawaa Koongoo keessa ture furuu fi tasgabbeessuuf xiyyeeffannaan hojjetama jedhan.
Guddina waliigalaa Afrikaaf tumsa ardawaa cimsuun fi nageenyi dhimmoota dursi kennamuufii qabu ta’uu kaasanii, Gamtichi hojiiwwan haqummaa fi walqixxummaan hojjetu kan jajjabeeffamu ta’uu ibsan.
Yeroon jijjiiramni hedduun itti mul’atu kanatti, tumsa idil addunyaa irratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka barbaachisus akeekaniiru.
Afrikaan dinagdeen addunyaa irratti dorgomaa akka taatuuf biyyoonni ardittii waan irraa eegamu hunda raawwachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Wandimmaganyi Tsaggaayeen
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.