Finfinnee, Adoolessa 1, 2017 (FMC) – Tapha walakkaa xumuraa waancaa kilaboota addunyaan taphni har’a Cheelsii fi Filuumineensee gidduutti taphatamu ni eegama.
Dorgommiin haala qilleensaa rakkisaa keessatti kilaboota 32 gidduutti dorgomamaa ture kun hanga eegame daawwattoota argachuu baatus walakkaa xumuraaf gaheera.
Har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee falmiin Cheelsii fi Filuumineensee gidduutti gaggeeffame xiyyeeffannoo argateera.
Daawwattoonni baay’inaan gara Istaadiyeemii galanii tapha kana akka daawwataniif jecha gatii Tikkeettii Doolaara 473 ture gara Doolaara 13 akka gadi bu’u ta’eera.
Kilaboota lamaan keessaa har’a kan injifate,Riyaal Maadiridii fi PSG keessaa kan injifate waliin Dilbata dhufu waancaaf morkata.
Tiyagoo Silvan har’a Kilabaa isaa duranii Cheelsii waliin yoo falmatu, Jawoo Pedroonis kilaba ijoolluummaa isaa Filuumineensee faallaa ta’uun Cheelsiif hiriree taphata.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.