Morkiin Maanchiister Yuunaayitiid Tootenhaam waliin Arsenaal immoo Sandarlaandi waliin taasisan ni eegama

Finfinnee, Amajjii 30, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 25ffaan taphni har’a Maanchiister Yuunaayitiid Tootenhaam waliin, Arsenaal immoo Sandarlaandi waliin taphatan ni akkaan eegama.

Har’a waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee morkiin Maanchiister Yuunaayitiid Tootenhaam waliin taasisu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 193 keessaa Maanchiister Yuunaayitiid yeroo 93 yoo injifachuun, Tootenhaam ammoo si’a 53 injifachuun, taphoota 47 qabxii qooddataniiru.

Yuunaayitiid ga’umsi yeroo dhiyoo as argisiisaa jiru taphichi hawwiin akka eegamu taasiseera.

Sa’aatii 12:00 jalqabee immoo taphoonni 5 kan taphataman yoo ta’u, Fuulhaam – Eevartan, Barnileey – Weest Haam, Arsenaal – Sandarlaandi, Woolviis – Cheelsii, akkasuma Boornimaawuuz Astoon Viilaa waliin taphata.

Arsenaal dursummaa isaa cimsachuuf morkiin taasisu ni eegama.

Galgala sa’aatii 2:30 eegalee Niwuukaasiil Bireentifoordi waliin morkata.

Boru waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Biraayitan – Kiristaal Paalaas waliin yoo taphatu, galgala sa’aatii 1:30 eegalee taphni Liiverpuul Maanchiister Siitii keessummeessuun tapha akkaan eegamuudha.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 195 keessaa Liiverpool yeroo 92 yoo injifatu, Siitiin si’a 53 injifachuun, taphoota 50 ammoo qabxii qoodataniiru.

Liiverpuul yeroo amma ga’umsa gaariirratti argamuun Maanchiister Siitiitti qormaata olaanaa ta’uu akka danda’u xinxaaltoonni kubbaa miilaa yaada isaanii kaa’aa jiru.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment