Finfinnee, Waxabajjii 30, 2017 (FMC) – Mul’anni keenya carraa hojii hirmaachisaa babal’isuun Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane dhaloota Afrikaa ijaaru horachuudha jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Fooramiin carraa hojii uumuu Afrikaa 3ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Afrikaan dachee dargaggootaati, dargaggoonni ammoo ba’aa osoo hin taane abdii fi dandeettii egeree Afrikaati jedhan obbo Tamasgeen fooramicharratti argamuun haasawa taasisaniin.
Guddina Diinagdee haqa qabeessaa fi hunda fayyadamoo taasiisu ijaaruuf hojjetamaa jira jedhan.
Fooyyessa Caasaa diinagdee mandhaleen qabeenya humna namaarratti Invastii gochuun boruu keenyaa ijaaraa jirra jechuun dubbatan.
Diingadeen jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu ijaaramaa jiraachuu eeruun, sagantaan ashaaraa magariisaa dachee qofa osoo hin taane jireenya lammiilee jijjiiraa jira jedhan.
Biqiltuuwwan biiliyoonni 30 lammiileen tumsaan dhaaban bosonarra darbuun carraa hojii uumuun kabaja biyyaa ta’aa jiraachuu kaasan.
Fooramicharratti Ministira Muummee Itti aanaa obbo Tamasgeen Xurunaa, Dura Ta’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yusuuf, Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Mufaariyat Kaamil, Ministiroonni biyyoota Afrikaa, Ogeeyyiin kalaqaa fi hayyoonni damichaa biroon argamaniiru.
Leyikun Alemtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.